Fana: At a Speed of Life!

Sochiin ‘Maas Ispoortii’ Sadarkaa Oromiyaa Adaamaatti gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 5, 2015 (FBC)-Sagantaa sochiin ‘Maas Ispoortii’ guyyaa har’aa akka Oromiyaatti Magaalaa Adaamaatti gaggeeffame.

Kaayyoon sochii ga’umsa qaamaa ummattootaa kun Oromiyaatti Ispoorteessitoota ciccimoo sadarkaa Idil-Addunyaatti biyya bakka bu’an hedduminaan horachuuf kan xiyyeeffate ta’uun eerameera.

Sochiin kunis qaamolee adda addaa jiraattota magaalichaafi magaalota naannawichaa irraa dhufanii fi hoggantoota olaanoo dabalatee namoota kuma 50 hirmaachiseen gaggeeffameera.

Akka Oromiyaattis magaalota, godinaalee, aanolee, gandootaa fi manneen barnootaa keessatti sochiin kun sa’atii tokkoof gaggeeffama.

Sochiin ‘Mass Ispoortii’ akka Naannoo Oromiyaatti namoota miiliyoona 1 ol hirmaachise har’a akka gaggeeffamu ibsamuun kan yadaramuudha.

Tasfaayee Ijjiguutuu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.