Fana: At a Speed of Life!

Sochiin uummataa hamilee kan namatti horuu fi boquu diinaa kan cabsudha- Hogganaa Biiroo Kominikeshinii Oromiyaa

Finfinnee, Sadaasa 17, 2014 (FBC)- Sochiin uummanni garee shororkeessitootaa ABUT fi Shanee qolachuuf duula birmadummaaf taasisu hamilee kan namatti horuu fi boquu diinaa kan cabsudha jedhan hogganaa Biiroo Kominikeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa.

Gareen shorokeessitootaa ABUT fi Shanee hariiroo yeroo dheeraa qabaachuu kaasaniiru.

sochiin bilisummaa uummata oromoo bu’aa akka hin buusneef  gareen Shororkeessaa Shanee namoota bebbeekamoo uummata biratti fudhatamummaa qaban ajeesisaa turuu himaniiru.

Dhimmi hojii nageenyaa dhimma qaamolee nageenyaa qofa akka hin taane ibsaniiru.

Nageenyi boorofnaan miidhamaan uummata wan ta’eef nageenya kabachiisuu keessatti uummanni ga’eesaa akka ba’atuuf gurmaa’iinsa garaagaraa hundessinee eegumsa naannoorratti hojjechaa jirra jedhan.

Shakamtoonni ergama badiirratti bobba’uuf socho’aa turan hedduun to’atamuu turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin ibsaniiru.

Humnoota diina Ityoophiyaa ta’an qolachuuf ijoolleen Oromoo karaa seera qabeessaan humna addaa fi gurmaa’insa garaagaraa keessatti hirmaachaa jiraachuu eeraniiru.

Duula birmadummaa cinatti dame qonnaa ammayyeessuuf naannoo oromiyaatti hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Shaambal Mihiratitu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.