Fana: At a Speed of Life!

Sodaa Vaayrasii Koroonaa hir’isuuf hojiiwwan qophii duraa hojjetamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) –Sodaa Vaayrasii Koroonaa hir’isuuf hojiiwwan qophii duraa hojjetamaa jira.

 

Sodaan vaayrasii koroonaa dabalaa dhufuun walqabatee hojiiwwan qophii duraa hojjetamaa jiraachuu Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksise.

Daayreektarri olaanaan Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa Dooktar Eebbaa Abaataa dhaabbatichi vaayrasii koroonaa ittisuuf hojiiwwaan qophii duraa taasisaa jiru ilaalchisee ibsa laataniiru.

Ibsa isaaniin Amajjii 15, 2012 eegalee daandii Qilleensa Ityoophiyaa fi buufatalee seensa biyyattii hundatti imaltoota kuma dhibba 3 fi kuma 24 ol haalli ho’ina qaama isaanii qoratamuu kaasaniiru.

 

Yeroo ammaas imaltoota 829 ta’aniif hordoffiin taasifamaa jiraachuu kan ibsan Dooktar Eebbaan torbee darbee eegalee eeruuwwan haaraan 12 institiyuuticha ga’uu himaniiru.

 

Haata’utii, eeruuwwan hundarratti hojii adda baasuu taasifameen namoonni kunneen dhibichaarraa bilisa ta’uu isaanii  mirkanaa’eera jedhan.

 

Yeroo ammaa kana namni vaayrasichaan shakkamee hordoffiin taasifamaa jiru akka hin jirre eeraniiru.

 

Ammatti Vaayrasichi Chaayinaarra darbee biyyoota garagaraatti babala’achaa jiraachu ibsuun, hawaasni yeroo kamiiyyuu caalaa of eegannoo taasisuu akka qaban hubachiisaniiru.

 

Lammiilee Chaayinaa fi biyyoota vaayrasichi itti mul’ateerraa dhufan irratti mallattoo dhukkubichaa yoo argitan bilbila bilisaa 8335 fayyadamuun eeruu akka taasisaan waamichi dhiyaateera.

Haaymaanot Iyyaasutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.