Fana: At a Speed of Life!

Somaaliyaan Awustiraaliyaan gaala akka gara Gaanfa Afriikaatti ergituuf gaafate

Finfinnee, Muddee 30, 2012 (FBC) – Somaaliyaan Awustiraaliyaan gaala akka gara Gaanfa Afriikaatti ergituuf gaafate

Waldaa Horsiisota Gaalaa Somaaliyaan, gocha Awustiraaliyaan baayyina gaalaa xiqqeessuuf jecha ajjeesaa jirtuutti dheekkamuun akka gara Gaanfa Afriikaatti ergituuf gaafate.

“Nutti ergaa nuti ni kunuunsina,” jechaa jiru.

Kibba Awustiraaliyaatti Roobii darbee irraa eegalanii qawwee isnaayippar fayyadamuun gaalota ajjeesaa jiru.

Kanaafis akka sababaatti kan kaasan balaan ibiddaa fi hongee biyyattii mudaterraa kan ka’e gaalonni kun bishaan dhugaatii barbaachaaf jecha manneen jireenyaa weeraraa jiru jedhame.

Kanaafuu gaalli kumaatamaan lakkaa’aman akka ajjeefaman eegama.

Somaaloonni ammoo gaalaaf jaalala olaanaa qabu.

Qabeenyaa isaanii kan madaalanis maallaqa callaa harkaa qabaniin osoo hin taane, baayyina gaalaa qabaniin.

Kana malees, erga koloneeffannaa Biritish booda jaarraa 19ffaa keessa gaala isaanii qabuun gara Awustiraaliyaatti akka ergan amanu.

Kaan ammoo gaalli gara Awustiraaliyaa kan geeffamee koloneessitoota Biritishiin, Hindi, Afigaanistaan fi Jiddu-gala Bahaa irraa jedhu.

Haata’utii, Dura Taa’aan Waldaa Horsiisota Gaala Somaalee Laandii, Musxafee Alii Deeq akka jedheetti, horiin kunneen Somaaleedhaaf baayyee ‘gatii qabeeyyiidha’ ilmaan namootatti aansee lammaffaadha.

Kanaafuu, Awustiraaliyaan gaaloota gara bakka ‘jalqaba irraa dhufaniitti’ erguun baraaruu qabu jedheera.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.