Fana: At a Speed of Life!

Soomaaliyaatti yakkamtoonni shamarraan umurii waggaa 12 dirqiin gudeedan adabbii du’aan adabaman

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2012 (FBC) – Soomaaliyaa Kaaba Bahaatti yakkamtoonni shamarree umurii waggaa 12 dirqiin gudeeduun lubbuu dabarsan  adabbii du’aan adabaman.

Baatii Gurraandhala bara Faranjootaa 2019 ture gochichi kan raawwatame.

Lammiileen biyyattii yakkicha hammeessanii kan morman yoo ta’u, shakkamtoonni 10 to’annoo jala oolanii turan.

Dhimmicha hordofaa kan ture manni murtii biyyattii shakkamtoota kanneen keessaa 3 yakkamtoota ta’uu isaanii mirkaneessuun adabbii du’aa itti murteessera.

Bu’aa qorannaa ‘DAN’ irratti hundaa’uun murteen kun darbuu himameera.

Haaluma kanaan yakkamtoota ta’uu kanneen mirkanaa’an keessaa namoonni lama guyyaa kaleessaa  addabaabayii magaalaa Boosaasoorratti rasaasan ajjeefamaniiru.

Yeroo dhiyoo as Soomaliyaatti yakki gudeeddii fi koorniyaa haalaan babal’aa dhufuutu himamaa jira.

Murtoon kunis dhiibbaa dubartoota irra ga’aa jiru hambisuuf murtoo barsiiisadha jedhameera.

Maddi:-BBC

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.