Fana: At a Speed of Life!

Soomni Ramadaanaa waggaa 1442ffaan boru ni eegala

Finfinnee, Eebila 4, 2013 (FBC) – Soomni Ramadaanaa waggaa 1442ffaan boru kan eegalu ta’uu Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Ityoophiyaa ibse.
Baatiin Ramadaanaa baatii hawaasni Musiliimaa kadhannaa fi Soomaan dabarsu boru kan eegalu ta’uu Manni Marichaa Faanaa Broodkaastingi Korporeetiif himeera.
Preezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Ityoophiyaa Hajii Muftii Umar Indiriis Baatii Ramadaanaa walgargaaruu fi walii yaaduun dabarsuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Hawaasni Musiliimaa namummaaf dursa laachuun baatii kabajamaa kana dabarsuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Habtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.