Fana: At a Speed of Life!

Sooriyaatti haleellaa xiyyaaraa qaqqabeen lubbuun namoota 18 darbe

Finfinnee, Amajjii 7, 2012 (FBC) – Sooriyaa magaalaa Iidiliibitti haleellaa xiyyaaraa qaqqabeen lubbuun namoota 18 darbuun himame.

Haleellaan qaqqabee kun magaalaa Iidiliib keessaatti kan argamu naannoo gabaa fi industiriitti jedhame.

Haleellichi baatii jalqaba Raashiyaa fi Tuurkiin naannichattii walii galte dhukaasaa dhaabuu ergaa taasisaani booddeedha.

Gareen taajjabdoota naannichatti socho’u haaleellicha xiyyaaroota mootummaa Raashiyaa fi Sooriyaatu qaqqabsisuu ibseera.

Haleellaa xiyyaaraa qaqqabe kan Raashiyaas ta’e Sooriyaa wanti dubbatan hin jiru.

Iidiliib bulchiinsa cimaa finciltoota Sooriyaa akka taate ni dubbatamaa.

Mootumaan Sooriyaa magaalaa Iidiliib garee finciltoota jala baasuuf irra deddeebiin halleellaa qaqqabsisaa jira.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.