Fana: At a Speed of Life!

Sooriyaatti kooleeraan mudate

Finfinnee, Fulbaana 16, 2015 (FBC) – Sooriyaa kutaalee garaagaraatti Dhibeen kooleeraa mudachuun lubbuun namoota 29 darbuun eerame.

Akka Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Sooriyaatti dhibeen kooleeraa mudachuun biyyattii rakkoo biraarratti rakkoo dabalataa akka ida’uuti jedhameera.

Sooriyaatti baatii darberraa eegalee weerarichi erga mudatee as hanga ammaatti namoonni 338 dhibechaan qabamuu CGTN gabaaseera.

Sooriyaa kutaan bulchinsaa Alipoo naannawaa lakkoofsi namoota koleeraan qabaman hedduun itti galmaa’eedha.

Gama biraatiin, Afrikaa Ugaandaatti namoonni Iboolaan qabaman 16 ga’uun himameera.

Saaxilamtoota vaayirasichaa 16 keessaa afur lubbuun isaanii darbeeras jedhame.

Dhimmichi kan yaaddesseen Keeniyaa fi Tanzaaniyaan tarkaanfii of eeggannoo duraa fudhachuu eegalaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.