Fana: At a Speed of Life!

Sosochii ABO shanee qolachuuf Poolisiin federaalaa milishoota naannoo waliin hojjechaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Eebila 29, 2013 (FBC) – Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti sosochii ABO shanee qolachuuf Poolisiin federaalaa milishoota naannoo waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Garichi naannicha shororkeessuuf hojii hojjetaa jiru qolachuu fi dhaabsiisuu Komishiniin Poolisii Federaalaa ergama fudhachuun Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti shoora olaanaa ba’achaa jiraachuu himameera.

Tibbana jilli komishinara Komishiinii Poolisii Federaalaa jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eeliin durfamu gara iddichaatti imaluun miseensota dirqamarra jiranii fi hoggantoota godinichaa waliin mari’achuu ibsameera.

Marii taasiifameen sosochii garichaa qolachuuf rakkoolee bulchiinsa godinichaa sakatta’uun barbaachisaa ta’uu ibsameera.

Sosochii garichaa qolachuuf Poolisiin federaalaa qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ragaan Komishinii Poolisii Federaalaarraa argame ni muul’isa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.