Fana: At a Speed of Life!

Sosochiin geejjiba waliigalaa akka daanga’u murtaa’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2012 (FBC) – Labsii yeroo ariifachiisaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’erratti fooyya’iinsi taasifamuu Abbaan Alangaa Waliigalaa beeksise.
 
Sosochii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasifamaa jirurratti dagannaa cimaan muula’achaa jiraachuu ibsameera.
 
Hawaasa hedduu biratti dagannaa, maal nadhibee fi qajeelfama weeraricha ittsuuf ba’e hojiirra oolchurratti hanqinni guddaan muul’achuu Abbaan Alangichaa ibsa har’a Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif laateen himeera.
 
Haaluma kana dhorkamni konkolaattoota manaa koodii 2 irratti ba’ee ture bu’aa waan hin buufneef haqamuu isaa beeksieera.
 
Yaa ta’uutii sosochii geejjiba waliigalaa daangeessuuf dhorkamni haaraan hojiirra akka oolu Koreen Ministirootaa murteessera jedhame.
 
Akka ibsa Abbaa Alangichaatti geejjiba qaxxaamura biyyaarrattis fooyya’iinsi taasifameera.
 
Haaluma kanaan konkolaattoonni humni fe’iinsa isaanii namoota 45 ol ta’an taarifa idileerratti % 75 akka dabalan, konkolaattoonni humni fe’iinsa isaa namoota 45 ta’an ammoo taarifa idileerratti %100 akka dabalan murtaa’uu himameera.
 
Dabalataan koreen Ministirootaa namni kamiiyyuu sosochii kamiiyuu yeroo taasisu haguuggii fuula malee socho’uu akka hin dandeenye murteessuu isaa ibsameera.
 
Gama biroon sa’aa hojii hojjettoota mootumaa bulchiinsa magaalaa Finfinneerrattis fooyya’iinsi taasifameera.
 
Haaluma kanaan ganama sa’aatii 1:30n yeroo seensaa yoo ta’u, waaree booda sa’aatii 9:30n ammoo yeroo ba’umsaa akka ta’u murtaa’eera.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hawaasni hundi dirqama isaa ba’uu akka qabu kan eere Abbaan Alangichaa, dagannaa fi maal nadhibeen muul’chaa jiru hafuu akka qabu hubachiiseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.