Fana: At a Speed of Life!

Sudaan bulchiinsa ishee keessa socho’aa kan ture hogganaa milisha lammii Ityoophiyaa to’annoo seeraa jala oolchuu beeksifte

Finfinnee, Sadaasa 22, 2013 (FBC) –Sudaan bulchiinsa ishee keessa socho’aa kan ture hogganaa milisha lammii Ityoophiyaa to’annoo seeraa jala oolchuu beeksifte.

hogganaa milisha lammii Ityoophiyaa jedhame kun Sudaan keessatti garee ABUT ta’uun deeggara kan ture ta’uu Tiraabiyoon Sudaan maddoota amanamaa eeruun gabaaseera.

Namni eenyummaan isaa hin beekmne kun maatii fi loltoota baayyinaan hedduu ta’an waliin bulchiinsa Gadaariif Alfaashaaqaa keessatti to’annoo jala ooluu beeksisfteetti.

Wayita to’annoo jala ooleetti Paawundii Biiliyoona Shan (kan Sudaan ta’uu fi kan Ingilizii ta’uu kan hin eeramne), warqee hammi isaa hin ibsamne, konkolaata ammayyaa’aa 2 waliin to’atamuu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.