Fana: At a Speed of Life!

Sudaan daangaa Ityoophiyaa weeraruun ishee nageenya gaanfa Afrikaa balaarra buuseera – Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Eebila 6, 2013 (FBC) – Dura teessuun yeroo Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa Sudaan daangaa Ityoophiyaa weeraruun ishee nageenya gaanfa Afrikaa balaarra kan buusu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.
Sudaan dura teessuu yeroo Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa taatus lafa Ityoophiyaa weeraruu, lammiilee nagaa buqqisuu fi lafa dabalataa weeraruuf socho’aa jiraachuu Ministeerichi ibseera.
Ministeerri Dhimma Alaa hawaasni addunyaa Sudaan wayita Raayyaan Ittisaa Ityoophiyaa duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti bobba’ee jirutti lafa Ityoophiyaa daangaa ce’uun weerarte gadi dhiiftee akka baatuuf dhiibbaa taasiisuu qaba jechuun barreeffama Fuula Tiwiitarii isaarratti barreesseen waamicha dhiyeesseera.
Ministeerichi Ityoophiyaan haala waliigaltee yaadannoo waljijjiirraa bara Faranjootaa 1972n garaagartee daangaa uumame mala waldhabee hiikuun furmaata laachuuf qophii ta’uu ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.