Fana: At a Speed of Life!

Sudaan Ityoophiyaan humna meeggaa waattii kuma 1 akka itti gurgurtuu gaafatte

Finfinnee, Adooleessa 29, 2013 (FBC)- Sudaan Ityoophiyaan humna meeggaa waattii kuma 1 akka itti gurgurtuu gaafaachuushee Humni Elektirikaa Ityoophiyaa ibseera.

Hojii gaggeessaan koroproreeshinii Pilaaniing humna elektirichaa obbo Andu’aaleem Sii’aa, Sudaan dabalatee biyyoonni Afrikaa garagaraa Ityoophiyaarra humna elektirikaa bituuf fedhiisaanii agarsiisaniiru jedhan.

Kana dura Sudaan Kibbaa, Keeniyaa fi Jibuutiin Ityoophiyaarra humna elektirikaa bituuf fedhii aragsiisuun mariin taasifamaa jiraachuu ibsameera.

Dhiyeenyaas Sudaan humna elektirikaa meeggaa waattii kuma tokkoo akka barbaadduu beeksisuushee ibsuun, dhaabbanniisaanii ogeeyyii Sudaan waliin marii taasisaa jiraachuu obbo Andu’aaleem hiamaniiru.

Baatii darbee hojjettoonni dhaabbaticha gara Kaartuum imalanii akka turanii fi ogeeyyiin Sudaan dhiyeenyaa gara Ityoophiyaa dhufuun marii akka itti fufaan ibsaniiru.

Biyyoonni kunneen fedhiin humna elektirikaa agarsiisaa jiran hidhicharratti abdiin qaban kan muuldhisuu ta’uu hubachiisaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.