Fana: At a Speed of Life!

Sudaan Kibbaa deeggarsa Ityoophiyaaf qabdu irra deebiin mirkaneessuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 25, 2014 (FBC) – Hoggantoonni olaanoon Sudaan Kibbaa deeggarsa cimaa biyyisaanii Ityoophiyaaf qabdu irra deebiin mirkaneessan.

Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay Ittaanaa Pireezidaantii Sudaan Kibbaa Taabaan Deengiifi Gorsaa Dhimma Nageenyaa Pireezidaantii biyyattii Tuut Gaatluuwaak waliin Juubaatti mari’ataniiru.

Sudaan Kibbaa haala kamiyyuu keessatti Ityoophiyaa cinaa kan dhaabbattu ta’uu hooggantoonni kunneen dubbataniiru.

Hoggantoonni biyyoota lameenii haala nageenya naannawaarratti mari’achuu eerameera.

Mariisaaniin Ityoophiyaafi Sudaan Kibbaa walta’iinsaan hojjechuuun barbaachisaa ta’uu ibsamuu ragaan Juubaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Hoggantoonni biyyoota lameenii faayidaa biyyoota lameen bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuun qaburratti mari’achuus kaafameera.

Yeroo gabaabaa keessatti haala fayyadamummaa biyyoota lameeenii akkasumas naannawichaa mirkaneessuun danda’amuun ijaarsa bu’uuraalee misoomaa daandii, humna elektrikaafi boba’aa hojiirra oolchuuf waliigaluu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.