Fana: At a Speed of Life!

Sudaan Kibbaa fi Ugaandaan Viizaa lammiilee giddugaleessarraa turanii hambisan

Finfinnee, Fulbaana 25, 2014 (FBC)- Sudaan Kibbaa fi Ugaandaan Viizaa lammiilee giddugaleessarraa turanii hambisuu ibsaniiru.

Ugaandaan kana dura baatii Fulbaana gaaffii Viizaa kan hambistee yoo ta’uu, Sudaan Kibbaas haalumaa walfakkatuun lammiileen Ugaandaa Viizaa malee akka seenaan eyyamteetti.

Itti aanaa Ministira Ministeera Dhimma Alaa Daang Daaw Daang akka mirkaneesanitti, biyyisanii murticha kan dabarsitee gaaffii hawaasa Afrikaa bahaa hordofeeti jedhan.

Sudaan Kibbaa dhiyeenya miseensa biyyoota Afrikaa Bahaatti kan makamtee yoo ta’u, waliigaltee biyyoota gidduu jiru daddabrsa bilisa namootaa fi hojjettootaa ni jajjaabeessa.

Ugaandaa, Keeniyaa, Taanzaaniyaa, Ruwaandaa fi Biruundiin miseensoota hawaasa Afrikaa Bahaati.

Maddi:-BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.