Fana: At a Speed of Life!

Sudaan Kibbaa tajaajila balallii biyya keessaa dhorkite

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2013 (FBC) – Sudaan Kibbaa balaa tibbana Xiyyaara xiqqaa tokkorra ga’e hordofee tajaajila balallii biyya keessaa dhorkuu ibsame.
Preezdaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Kibxata darbe Xiyyaarri Xiqqaan kufee caccaabuun lubbuu namoota 10 galaafachuu ishee hordofee daandiin qilleensaa biyyattii yeroof tajaajila balallii biyya keessaa akka dhaabu taasiisaniiru.
Preezdaant Saalvaa Kiir ibsa laataniin tajaajila balallii biyya keessaa dhorkuun tarkaanfii yeroof fudhatameedha jedhan.
Kaayyoon tarkaanfichaa balaa xiyyaaraa qaqqabuu ittisuu fi amantaa ummataa argachuuf ta’uu eeraniiru.
Maddi:- BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.