Fana: At a Speed of Life!

Sudaan kibbaatti walitti bu’iinsa walii waliniin lubbuun namoota 300 darbe

Finfinnee, Caamsaa 13, 2012 (FBC) –Sudaan kibbaatti walitti bu’iinsa walii waliin ka’een lubbuun namoota 300 darbuu anga’oonni biyyatti beeksisan.

Bahaa biyyaatti bulchiinsa Joongileey  keessatti dhiyeenyawalitti bu’iinsa ka’een lubbuu namoota 300 darbe keessa 3 hojjeetoota gaargaarsa laatuu keessaayi jedhameera.

kanneen lubbuun darbeen alatti hedduun madaa’uu aanga’oonni kunneen ibsaniiru.

Walitti bu’iinsichi Sanbata darbe hawaasa Muurlee fi Loowwi Nuur gidduutti kan muudate yoo ta’u, dargaggoonni Muurlee gandoota Uroor heeddu gubuu isaanii jaarsooliin biyyichaa dubbataniiru.

Naanichaatti kan argaman ogeessonni fayyaa, kanneen miidhaan irraa ga’ee keessaa hedduun isaanii rasaasan miidhamuu dubbataniiru.

Kanneen miidhamaan keessaa hangi tokkoo yaalaaf gara magaalaa guddoo Juubaa xiyyaaraan geeffamaniiru.

Dhabbanni mootummoota gamtoomanii naannoo walitti bu’insii itti muudateetti  garee nageenya kabachiisuu erguu dubbateera.

Waggoota 6 kan lakkoofsise walitti bu’insi walii waliinii kun baatii Gurraandhala waligalteerra ga’amuus yeroo adda addaatti hawaasa gidduutti walitti bu’iinsa muudatuun lubbuun namoota  800  darbuu himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.