Fana: At a Speed of Life!

Sudaan laga Abbayyaarratti lafa hektaara kuma dhibba 1 fi kuma 70 jallisiin misoomsuufi

Finfinnee, Amajjii 19, 2013 (FBC) – Sudaan laga Abbayyaarratti boo’ii Kiiloo Meetira 18 dheeratu hojjechuun lafa hektaara kuma dhibba 1 fi kuma 70 jallisiin misoomsuufi jedhame.
Kaaba Bahaa Sudaan Gammoojjii Nuubiyaa keessatti dhaabbanni Daal Guruup jedhamu iddoo bal’aa gammoojjii kana keessatti Jallisiin Misoomsuuf hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Dura taa’aan Dhaabbata Daal Guruup Osmaan Daawud lafa Gammoojiin beekkamu kana Magarsiisaatti jijjiiruuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Sudaanitti Iddoo Aabbuu Haamaad jedhamu Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 25niin dhaabbata Dubaay Rooyaal Guruup jedhamu waliin misooma jallisii kan hojjetan ta’uu himaniiru.
Lafti misoomu kuna Kiiloo Meetira 10 Laga Abbaayyaarraa fagaata jedhame.
Boo’ii Kiiloo Meetira 18 dheeratu Laga Abbayyaarratti hojjechuuf yaaddamuu ibsameera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.