Fana: At a Speed of Life!

Sudaan miseensa Mana Murtii yakkaa Idila addunyaa ta’uuf

Finfinnee, Adooleessa 28, 2013 (FBC)- Sudaan miseensa Mana Murtii yakkaa Idila addunyaa ta’uufi jedhame.

Kaabineen mootummaa ce’umsaa Sudaan wiixinee seeraa miseensa Mana Murtii yakkoota Idil addunyaa (ICC) ta’uuf isaan dandeessisu sagalee guutuun irratti waliigaluu Muummeen Ministiraa biyyatti Abdallaa Hamdok fuula Twiitara isaaniirratti barreessan.

Wixineen seeraa sagalee guutuun raggaasifame kun Mana maree ce’umsaa kan ammaa aangoo biyyatti harkaa qabuu fi kaabinootaan irratti mari’atamee seera ta’ee ba’a.
Manni Murtii Yakkoota Idiladdunyaa(ICC)’n, Omar al-Bashir fi qondaaltota kaan Lixa Sudaan Daarfuuritti yakka waraanaa fi sanyii balleessu raawwataniiru jechuun shakkee jira.

Manni murtii kun Caamsaa darbe keessa namoota himate keessaa dhimma Alii Kushayb dhaggeeffachuun xumureera.

Namni kun waraana Daarfuur bara 2003 fi 2004 gidduutti raawwate keessatti yakkoota waraanaa fi dararaa dhala namaarraan ga’eera jedhamuun himatame.

Hagayya 2019 irraa eegaltee mootummaan ce’umsaan bulaa kan jirtu Sudaan, miidhamtoonni waraana Daarfuur haqa akka argataniif kutannoon hojjechaa jiraachuu himti.

Maddi:-BBC

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffann

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.