Fana: At a Speed of Life!

Sudaan naannoo Beenishaanguul Gumuuz anaaf mala kan jettee Ministeerri Dhimma Alaa fudhatama dhabsiise

Finfinnee, Eebila 26, 2013 (FBC)- Mootummaan Sudaan naannoo Beenishaanguul Gumuuz anaaf malaa kan jedhe Ministeerri Dhimma Alaa fudhatama dhabsiiseera.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaddar Diinaa Muftiin haala waqtaawaarratti ibsa laataniiru.

Sudaan kana dura gara daangaa Ityoophiyaa galuun ishee osoo hin xiqqaatin amma immoo bakka  hidhi haaromsaa guddichii Ityoophiyaa itti ijaaramaa jiru naannoon Beenishaanguul Gumuuz anaaf malaa jechuun ishee fudhatamaa kan hin qabne ta’uusa ambaasaaddarichi ibsaniiru.

Marii biyyoota sadeenii ilaalchisee Ityoophiyaan ejjeennooshee akka cimsitee ibsaniiru.

Torbe darbee ambaasaaddaroota Eeshiyaa teessoo isaanii Finfinnee taasisaniif dhimmoota daangaa Ityoo-Sudaan, hidha haaromsaa gudichaa fi deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayitti taasifama jirurratti ibsa taasisaniiru.

Gama diinagdee fi dippiloomaasitiinis hojiiwwan adda addaa hojjetamaniiru jedhan.

Filannoon marsaa 6ffaa ilaalchisee seeraa filannoo biyyatti hordoofee akka gaggeeffamuuf hojjetamaa jiraachuu ambaasaaddar Diinaan himaniiru.

Misikkiir Sinaafqitu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.