Fana: At a Speed of Life!

Sudaan preezdaanti duraanii Omar Al Bashir Mana Murtii Yakkaa Idila Adunyaa (ICC) dabarsitee kennufi

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Sudaan preezdaanti duraanii Omar Al Bashir Mana Murtii Yakkaa Idila Adunyaa (ICC) kan magaalaa Haaguutti dabarsitee kennuuf akka tahe manni maree waraanaa biyyattii hime.

Omar Al Bashir yakka duguuggaa sanyii, yakka waraanaa fi sarba mirgoota namoomaan himatamanii ture.

Preezdaantichi garuu yakka irratti dhiyaataa ture kana haalaa turaniiru.

Manni Murtii Yakkaa Idila Adunyaa waggoota 10 oliif yakkoota Daarfur keessatti humna waraanaa isaan raawwateera jedheef isa barbaadaa ture.

Waldhabdee bara Faranjoota 2003 Daarfuriitti ka’e irratti preezdaantichi yakka suukaneessaa lammiilee biyyattii irratti raawwataa turaniiru jedhamuun Mana Murtii Yakkaa Idila Adunyaatti himatamanii ture.

Daarfur keessatti gosoota Fuur, Masaliit fi Zaagwaa jedhaman ajjeesisaa turan jedhamuun himataman.

Gosoota kanneen irra miidhaa qaamaa fi sammuu dhaqqabsiisaa akka turantu himama.

Gamtaan Afrikaa kanaan dura dabarfamanii akka hin kennamne ibsaa tureera.

Omar Al Bashir warraaqsa fi fincila uummataa biyyattiitti bara Faranjoota 2019 keessa ka’een aangoo irraa kaafamaniiru.

Ji’a Muddee darbe keessa ammoo yakka malaammaltummaan hidhaan waggaa lamaa irratti murtaa’ee ture.

Omar al-Bashir fonqolcha mootummaa gaggeessuun ture bara Faranjoota 1989 gara aangootti kan dhufan.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.