Fana: At a Speed of Life!

Sudaan waliin walitti dhufeenyaan hojjechuu akka qabnu waliigalteerraa geenyee-Dooktar Abrahaam Balaay

Finfinnee, Amajjii 15, 2014 (FBC)- Sudaan waliin hariiroo biyyoota lamaaniirratti walitti dhufeenyaan hojjechuu akka qabnu waliigalteerra geenyeerra jechuun Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay ibsaniiru.

Itti aanaan Preezdaantii Mana Maree Ce’umsaa Birmadummaa Sudaan Jeneraal Mahaammad Umdaan Daagaaloon Ityoophiyaatti daawwannaa hojii guyyoota lamaaf qaban xumuruun gara biyyaa isaaniitti wayita deebi’aan Dooktar Abrahaam gaggeessaa taasisaniifiru.

Turti Jeneraal Mahaammad Umdaan Daagaaloon ilaalchisee Dooktar Abrahaam akka himanitti, dhimmoota lameenii Ityoophiyaa fi Sudaan irratti marii taasisaniiru.

‘Sudaan waliin walitti dhufeenyaan hojjechuu akka qabnu waliigalteerraa geenyeerra’ jechuun himaniiru.

Jeneraalichi turtii isaaniin Muummee Ministira FDRI Abiy Ahimad waliin hariiroo biyyoota lameenii fi dhimmoota biroorratti marii taasisaniit turan.

Maddi:-TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.