Fana: At a Speed of Life!

Sudaanii fi Gibts itti gaafatamummaa Gamtaa Afrikaaf laatame xiqqeessuuf yaaliin taasisaan fudhatama hin qabu – Injiinar Silashii Baqqalaa

Finfinnee, Bitootessa 29, 2013 (FBC) – Ministirri Bishaanii, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa, Sudaanii fi Gibts itti gaafatamummaa Gamtaa Afrikaaf laatame xiqqeessuuf yaaliin taasisaan fudhatama akka hin qabne ibsa.
Injiinar Silashii Baqqalaa marii sadenii ministiroota dhimma alaa fi bishaanii Rippaabliika Diimookraatawaa Koongoo magaalaa Kinshaasaatti taasifamerratti ibsa laataniin, Kaayiroo fi Kaartuum waliigalticha duubatti harkisuun yeroo bal’aan dhumeera jedhan.
Yaadni Afrikaan Kibbaa taajjabdummaa keessaa akka baatuuf dhiyaate kabaja Gamtaa Afrikaa kan hin madaallee ta’uus himaniiru.
Ibsichaan Ityoophiyaan gama ministeera dhimma alaa isheen waliigaltichi ariitiin akka xumuramuu fi bishaan abbayaa karaa haqa taheen itti fayyadamuuf mirga akka qabdu hubachiisuu ibsaniiru.
Guutinsa bishaaniis tahee haalaa hidhichaa ilaalchisuun raga barbaachisuun waljijjiiruuf qophii tahuu eeruun, guutinsa bishaanii marsaa 2ffaa yeroo qabame keessatti gaggeessuuf qophii tahuu ibsaniiru.
Komiin gama Sudaaniin ka’u fudhatama akka hin qabne waltajjii Kinshaasaa irratti haalan ibsamuu kaasaniiru.
Taajjabdoota jedhamanii kan filataman Afrikaa Kibbaa, Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa akka itti fufaniif waliigalteerra gahamuu ibsaniiru.
Waliigalteen sadeenii torbaan saddeetitti akka xumuramuuf kan yaadame yoo tahu, waliigalteen itti aanuu kallattii preezdaantiin Rippaabliika Diimookraatawaa Koongoo kaa’aniin murtaaha jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.