Fana: At a Speed of Life!

Sudaanii fi Gibts waliigaltee tumsa loltummaa mallatteessan

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2013 (FBC) – Sudaanii fi Gibts guyyaa kaleessaa waliigaltee tumsa loltummaa mallatteessuu himame.
Itaamaajooriin waliigalaa Raayyaa Ittisaa Sudaan Muhaammad Al Huseenii fi gitni isaanii Gibtsi Mohaammad Faariid Kaartumitti waliigalteerra ga’aniiru jedhame.
Biyyoonni lamaan sodaa nageenya biyyaalessaa qabaachuu wayita waliigaltee ibsaniiru.
Itaamaajooriin waliigalaa Raayyaa Ittisaa Sudaan Muhaammad Al Huseenii waliigaltichi dhimma Sodaa nageenya biyyaalessaarra darbee waraanaa muuxxaanno qabu ijaarsuuf kan kaayyeeffate ta’uu eeraniiru.
Deeggaarsa Gibts Sudaaniif taasiiftu galateeffataniiru.
Itaamaajooriin waliigalaa Raayyaa Ittisaa Gibts Mohaammad Faariid gama isaaniin biyyi isaanii damee hundaan Sudaaniif tumsa taasiisuuf karoorfachuu dubbataniiru.
Keessattuu hariiroo loltummaa fi dhimmoota nageenyaa biyyoota lamaanii kan cimsan ta’uu eeraniiru.
Maddi:- Shiiniwaa
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.