Fana: At a Speed of Life!

Sudaanitti balaa lolaa muudateen lubbuun namoota 80 darbuu himame

Finfinnee, Fulbaana 4, 2014 (FBC) – Sudaanitti balaa lolaa muudateen lubbuun namoota 80 yoo darbu, manneen hedduun barbadaa’uu fi miidhamuu ibsameera.
Balaa lolaa kanaan waliigala manneen kumni 8 fi 408 yoo barbadaa’u, kuma 27 olirra miidhaan qaqqabuu anga’oonni biyyattii ibsaniiru.
Kibba biyyattiitti Rooba cimaa Roobeen namoonni kumni 65 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu gabaasni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ni muul’isa.
Bara darbes Rooba cimaa Roobeen namoonni kumni dhibbi 6 fi kumni 50 miidhamuu fi manneen kumni dhibbi 1 fi kumni 10 barbada’uun isaaniin biyyattiin labsii yeroo ariifachiisaa labsuun kan yaadatamuudha.
Maddi:-CGTN Afrikaa
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.