Fana: At a Speed of Life!

Sudaanitti guyyaa har’aa namoonni 137 dabalataan vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 12, 2012 (FBC) – Sudaanitti guyyaa har’aa namoonni 137 dabalataan vaayrasii koroonaan qabamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseera.
 
Biyyattiiti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii kuma 2 fi 728 yoo qaqqabu, lubbuun namoota 111 ammoo darbeera.
 
Keeniyaattis guyyaa har’aa namoonni 66 dabalataan vaayrasii koroonaan qabamuu isaanii Ministeerri Fayyaa biyyattii ifoomseera.
 
Biyyattiitti lakkoofsi namootaa vaayrasichaan qabamanii kuma 1 fi 29 qaqqabeera.
 
Namoonni 50 ammoo dhibee kanaan du’aniiru.
 
Oduu walfakkaatuun Soomaaaliyaatti sa’aa 24 darban keessa namoonni 71 dhibee Covid -19 qabamuu isaanii Ministeerri Fayyaa Soomaaliyaa beeksiseera.
 
Soomaaliyaatti namoota dhibichi irratti argame kuma 1 fi 573 keessaa namoonni 61 du’aniiru.
 
Sudaanii fi Keeniyaatti Bitootteessa 4, 2012 jalqabaaf vaayrasiin kun muul’achuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Afrikaatti hanga ammaatti namoota kuma 94 fi 771 dhibichaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma 2 fi 958 darbuu himameera.
 
Maddi :-CGTN
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.