Fana: At a Speed of Life!

Taableetiin biyya keessatti hojjetame agarsiisaf dhiyaate

Finfinnee, Amajjii 15, 2012 (FBC) – Taableetiin biyya keessatti hojjetame agarsiisaf dhiyaate.

Biyya keessatti akka hojjetamu yaadasaa kan dhiyeessee fi hojjechiise Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii FDRIti.

Taableetichi barattoonni kuta 9 hanga 12 jiran akka ittiin baratanii fi barsiisonnis akka ittiin barsiisaniif kan qophaa’edha.

Taableetichi guutumaan guututti Ityoophiyaanotaan dizaayn kan ta’edha.

Mootummaan baasii kitaabaf baasu kan hambisuu fi barattoonni teeknooloojiitti akka madaqan kan taasisudha.

Taableetichi hanqina gama intarneetiin jiru furuuf ni gargaara jedhameera.

Taableeticha bayyinaan biyya keessatti oomishuuf karoorri qabamuunis eerameera.

Oomisha taableetichaatif wantoonni fayyadaman %70 meeshaalee biyya keessaati.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.