Fana: At a Speed of Life!

Taanzaniyaa fi Ugaandaan Ujummoo Boba’aa waloon diriirsuuf walii galan

Finfinnee, Eebila 4, 2013 (FBC) – Taanzaniyaa fi Ugaandaan Ujummoo Boba’aa hin calalamnee Kiiloo Meetiraa kuma 1 fi 442 dheeratu waloon diriirsuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Ijaarsa isaaf Doolaarri biiliyoonni 3.5 qabamuu ibsameera.
Preezdaantiin Taanzaaniyaa Saamiiyaa Suuluuhuun dawwaannaa jalqabaa isaaniin Indaastirii Boba’aa fi Gaasii Taanzaaniyaa fi Ugaandaa guddisuuf dhimmoota gargaaraan sadirratti waliigaltee mallatteessaniiru.
Waliigaltee kana keessa sarara Boba’a hin calalamnee waloon diriirsuun isa tokko jedhame.
Ujummoo boba’aa Kiiloo Meetira kuma 1 fi 443 dheeratu sharikaan ijaaruuf waliigalaniiru.
Proojektichi wayita xummuramee hojii eegale namoota kuma 10 oliif carraa hojii uuma jedhame.
Ugaandaan akka bara Faranjootaa 2025tti Zayita Boba’a Barmeela biiliyoona 1.4 ni baafti jedhame.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.