Fana: At a Speed of Life!

Taayiwaanitti balaa ibiddaa gamoo tokkorratti qaqqabbeen lubbuun namoota 46 darbe

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2014 (FBC) – Kibba Taayiwaanitti gamoo darbii 13 qabu keessatti ibidda ka’een yoo xiqqaate namoonni 46 du’uun, hedduun madaa’uu isaanii anga’oonni biyyatti himan.

Gamoo manneen daldalaa fi jireenyaa, magaalaa Kawusiing keessatti argamu kanatti ibiddi kan qabate Kamisa ganama akka ta’e, wajjirri ittisa balaa ibiddaa naannichaa ibseera.

Ibidda kana dhaamsuuf hojjetoota ittisa balaa ibiddaa gara sa’aatii afur ol itti fudhate.

Namoonni 79 gara hospitaalaatti kan geeffaman yoo ta’u, isaan keessaa 14 miidhaan cimaa irra ga’eera.

Maddi ibiddichaa ifa waan hin taaneef, qorattooonni bakkichatti argamuun qorannoo taasisuu eegalaniiru.

Maddi:-BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.