Fana: At a Speed of Life!

Gurgurtaa Humna Elektirikaarraa galiin Birriin biiliyoonni 21 argame

Finfinnee, Hagayya 12, 2014 (FBC) – Tajaajilli Elektirikaa Ityoophiyaa bara baajataa xumurame gurgurtaa humnaarraa galii Birrii biiliyoona 21 ol walitti qabuu beeksiseera.
Dhaabbatichi raawwii hojii bara darbee fi karoora bara 2015 ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laateera.
Bara baajatichaa maddoota galii adda addaarraa Birrii biiliyoona 27 walitti qabuu ibseera.
Lakkoofsi maamiltootaas miiliyoona 4.3 ga’uu hojii raawwachiisaa olaanaan Tajaajila Elektirikaa Ityoophiyaa Obbo Shifarraaw Taliilaan ibsaniiru.
Gurgurtaa humnaarraa Birriin biiliyoonni 21 argamuu kaasaniiru.
Magaaloonni haaraa 425 Tajaajila Elektirikaa argachuu dubbataniiru.
Hojjettoota kenna tajaajilaa danqan kuma 1 fi 50 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru.
Bara baajataa dhufu madoota galii adda addaarraa Birrii biiliyoona 43.1 walitti qabuuf karoorfamuu ibsa isaaniin eeraniiru.
Maddi:-EBC
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.