Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Iityoo Teelekoom Oromiyaa Lixaa, har’arraa eegalee tajaajilasaa idileetti ni deebi’a – preezdaant Shimallis

Finfinnee, Bitootessa 22, 2012 (FBC) – Tajaajilli Iityoo Teelekoom Oromiyaa Lixaa har’arraa eegalee tajaajilasaa idileetti kan deebi’u ta’uu preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan beeksisan.
 
Obbo Shimallis ibsa laataniin rakkoo nageenya Oromiyaa Lixaarra ture, tasgabbiitti deebisuuf oppireeshinii gaggeeffamuuf tajaajilli Iityoo Teelekoom adda cituu beeksisaniiru.
 
Yeroo ammaas nageenyi Oromiyaa Lixaa hirmaannaa hawaasaa fi qaamolee nageenyatiin waan mirkanaa’ef, har’arraa eegalee tajaajilli teelekoom deebi’uu obbo Shimallis ibsaniiru.
 
Obbo Shimallis tibbana daawwii godina Qeellam Wallaggaa, Lixaa fi Baha Wallaggaa, akkasumas Horroo Guduruutti taasianiin ummanni Lixa Oromiyaa nagaa bu’een hojii idileetti deebi’uusaa ibsaniiru.
 
Nageenyi amma bu’e akka itti fufu, hawaasni mootummaa waliin qindoominaan hojjechuu qabas jedhaniiru.
 
Hojiin misoomaa fi ijaarsi proojaktoota addaddaa sababii rakkoo nageenyatiin adda citanii turan, yeroo gabaabaatti xumuramuun tajaajila ummataa ni laatu jedhan.
 
Tajaajilli Teelekoom guyyaa har’aa irraa eegalee hojii idileetti akka deebi’uuf hojiin mootummaa naannoo fi federaalan hojjetamaa ture xumuramee, tajaajila idilee akka kennu murtaa’uusaa eeraniiru.
 
Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan olaantummaa seeraa kabachiisuurratti mootummaan qaama kamuu faana mariidhaf hin taa’u jedhaniiru.
 
Mariin yoo barbaachises erga seerri kabajamee fi nageenyi ummataa mirkanaa’en booda ta’a jedhan.
 
Dabalaa Taaddasaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.