Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa miseensota miiliyoona 48 ol fayyadamoo taasiisuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 15, 2015 (FBC) – Tajaajilli Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa aanaalee 894 keessatti miseensota miiliyoona 48 ol horachuun fayyadamoo taasisuu Daayrektarri Olaantuun tajaajilichaa Fireehiyiwaat Abbabaan ibsaniiru.

Sosochiin Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa Magaalaa Boongatti gaggeeffamaa jira.

Aanaalee akka biyyattiitti jiran keessaa % 84 fayyadamtoota Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa ta’uu isaanii Daayrektarri Olaantuun tajaajilichaa Fireehiyiwaat Abbabaan waltajjicharratti argamuun haasawa taasiisaniin eeraniiru.

Keessattuu naannoo Oromiyaa fi Amaaratti aanaaleen hedduun fayyadamtoota tajaajilichaa ta’uu isaanii kaasaniiru.

Aanaalee Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaattis aanaaleen 48 fayyadamtoota tajaajilichaa ta’uu isaanii ibsameera.

Addaam Aliitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.