Fana: At a Speed of Life!

Tajaajjilli tika nageenyaa fi odeeffannoo biyyaalessaa miidiyaaleen hawaasaa odeeffannoo sobaa tatamsaa jiran gocharraa akka of qusatan hubachiise

Finfinnee, Amajjii 17, 2013 (FBC) – Tajaajjilli Tika Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa miidiyaaleen hawaasaa odeeffannoo sobaa tamsaasuun hawaasaa burjaajeessaa jiran gochicharraa akka of qusatan hubachiise.

Tibbana miidiyaalee hawaasaa fuula isaanirratti odeeffannoo sobaa tatamsaasuun hawaasa burjaajessuuf yaalaa jiran gochaa seeraa alaarraa akka of qusan yaadachiiseera.

Tajaajilichi qaamolee odeeffannoo sobaa tatamsaasuun faayidaa biyyaalessaa fi birmadummaa biyyaa, akkasumas nageenya ummataa sodaarra buusuuf socho’aa jiranirratti ragaa qindeessuun seeraan akka gaafataman kan taasiisu ta’uu ibseera.

Tajaajjilli Tika Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa dhimmoota sodaa nageenyaa biyyaa ta’an hambisuuf nagaa fi tasgabbiin akka bu’u yeroo kamiiyyuu caalaa dhaabbilee nageenyaa hunda waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsa baaseen eereera.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.