Fana: At a Speed of Life!

Talaallii Covid -19 marsaa 2ffaa eegaluuf qophiin taasiifamaa jira – Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Eebila 18, 2013 (FBC) – Sagantaa talaallii Covid -19 marsaa 2ffaa eegaluuf qophiin taasiifamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksiise.
Abbaa Taayitaa To’annoo Nyaataa fi Qorichaan kanneen beekkamtiin laatameef talaalliin Astiraazeeniikaa fi Siinoo Faarmiin marsaa jalqabaan laatamuu turuun kan yaadatamuudha.
Talaalliwwan miiliyoonni 5.5 gara biyyaa ni gala jedhamee kan eeggamu ta’uu Ministir Deettaan Ministeera Fayyaa aadde Sahaarallaa Abdullaahiin ibsaniiru.
Hanga Baatii Sadaasaa bara 2014tti lammiilee miiliyoona 20f talaallii laachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Marsaa jalqabaan lammiileen kumni dhibbi 4 fi kumni 70 talaallicha argachuu eeraniiru.
Talaalliin Astiraazeenikaa rakkoo kontiruu dhiiga uumaa jedhamee miidiyaalee tokko tokkoon odeeffannoon tatamsaa’aa turuun kan eeran aadde Sahaarallaan, hanga ammaatti namoota talaallicha fudhatanirratti rakkoon fayyaa muul’ate hin jiru jedhan.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.