Fana: At a Speed of Life!

Talaalliin % 95 vaayrasii koroonaa fayyisuu danda’u ifoome

Finfinnee, Sadaasa 7, 2013 (FBC) –Talaalliin Kaampaanii Moodeernaa jedhamuun qoratamaa jiru % 94.5 dhibee koroonaa fayyisuu danda’a jedhame.
Talaalliin Moodernaan ifoomse kun Ameerikaatti 2ffaa fi argannoo isa guddaadha jedhameera.
Ameerikaatti itti gaafatamaan dhaabbilee dhibee daddarboo Antooniyoo Fuch argannoon kun isa guddaa fi oduu dansaadha jedhan.
Lammiileen Ameerikaa kumni 30 yaalii kanarratti hirmaachuu himameera.
Torbeewwan itti aanaan keessa talaalliwwan miiliyoonni 2 kan oomishaman ta’uu fi bara Faranjootaa dhufutti talaalliin Biiliyoonni 1 addunyaarratti kan raabsaamaan ta’uu ibsameera.
Torbee tokko dura dhaabbanni Ameerikaa Faayzarii fi kan Jarman Baayoonteek talaallii %90 vaayrasii koroonaa fayyisuu danda’an ifoomsuun isaanii kan yaadatamuudha.
Dabalataan torbee darbe Raashiyaan talaallii % 92 vaayrasicha fayyisuu danda’u ifoomsitee turte.
Maddi:-BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.