Fana: At a Speed of Life!

Talaalliin ittisa dhibee Gifiraa naannolee garaagaraatti laatamu eegale

Finfinnee, Caamsaa 10, 2014 (FBC)- Talaalliin ittisa dhibee Gifiraa naannolee garaagaraatti laatamu eegaleera.

Talaallichi naannoo Affaaritti kan eegalchiisan hogganaan biiroo fayyaa naannichaa obbo Yaasin Habiib akka himaniitti, talaallichi buufatalee fayyaa nannichatti argamanii fi buufatalee yeroo keessatti gaggeeffama jedhaniiru.

Talaallichi buufatalee 400 ta’an keessatti har’arraa eegalee hanga Caamsaa 14, 2014 akka laatamu ibsaniiru.

Talaallichi daa’imman baatii 6 hanga umri waggaa 2tti jiraniif akka laatamu ibsameera.

Maatiinis daa’imman isaanii akka talaalchisan waamichi darbeera.

Akkasums duulli talaallichaa naannoo Beenishaangul Gumuuzitti har’arraa eegalee hanga Caamsaa 17, 2014tti ni laatama jedhameera.

Duulichaafis qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi ga’eesaanii akka ba’atan waamichi darbu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Mahaammad Aliitu gabaasee

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.