Fana: At a Speed of Life!

Talaalliin vaayrasii koroonaa Faayzar namoota umriin isaanii waggaa 12 fi isaa ol ta’eef laatamuu eegaluufi

Finfinnee, Sadaasa 7, 2014 (FBC)- Talaalliin vaayrasii koroonaa Faayzar namoota umriin isaanii waggaa 12 fi isaa ol ta’eef laatamuu eegaluufi jedhameera.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan duula talaallii vaayrasii koroonaa sadarkaa biyyoolessaatti kaleessaa laatamuu eeegalee ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Ministirittin ibsa isaaniin talaalliin Faayzar jedhamu Finfinneetti boruurraa eegalee naannoleetti magaaloota 65 keessatti ammoo Wiixatarraa eegalee akka laatamuu himaniiru.

Duulli talaalliicha Faayzar dabalatee talaalli gosa biroo sadeen dhaabbilee fayyaa mootummaa hundattii fi giddugaloota talaallii hundatti ni laatama jedhameera.

Haala qabatamaa biyyattiin lammiilee buqqa’aanii da’aannaa keessaatti argamaniif dursi kan laatamuu ta’uu Dooktar Liyaa himaniiru.

Yeroo amma kana talaalliin dooziin miiliyoonni 8 akka jiru kan himan Dooktar Liyaan dhiyeenyatti talaalliin dooziin miiliyoona 9.6 gara biyya ni seenaa jedhaniiru.

Hanga ammattis namoonni miiliyoonni 3.7 ta’aan talaalliicha fudhachuu Dooktar Liyaan himaniiru.

Haaymanoot Iyyaasuu fi Zufaan Kaasahuntu gabaase

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.