Fana: At a Speed of Life!

Talaalliin vaayrasii koroonaa marsaa 2ffaan boruurra eegalee dhaabbilee Fayyaa  keessaatti ni laatama

Finfinnee, Adooleessa 6, 2013 (FBC)- Talaalliin vaayrasii koroonaa marsaa 2ffaan boruurra eegalee dhaabbilee Fayyaa keessatti akka kennamu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa himan.

Magaalaa Finfinnee keessatti namoonni talaallii vaayrasii koroonaa marsaa jalqabaa fudhachuun baatii sadii guutan talaallii marsaa 2ffaa guyyaa boruurra eeggaluun ni fudhatuu jedhaniru.

Naannooleen immoo gaafa Adooleessa 9 booda fudhachuu danda’uu jedhaniiru.

Talaallii kana namoota hedduu bira qaqqabsiisuuf mootummaan dhaabbilee gargaarsaa waliin hojjechaa jiras jedhaniiru.

Yeroo ammaa kanas talaalliin vaayrasii koroonaa Astraazeenikaa jedhamu kumni 400 naannoleef raabsamaa jira jedhan.

Dooktar Liyaan gara fuula duraattis talaalliin miiliyoona 1.7 gara biyyaatti akka galu himun, hojjettoonni damee Geejjibaa, Poolisii, Barsiisoota hojjetoota mana murtii fi baankii, namoota dhibee biraa qaban, namoota umriin deemee fi hojjettoonni dhaabbilee Miidiyaa talaallii marsaa jalqabaa fudhachuu qabu jedhunis dhaamsa dabarsan.

Vaayrasii koroonaa haaraa Deeltaa jedhamus Ityoophiyaa seenufi seenuu dhiisuu isa irratti qorannoon taasifamaa akka jirus himaniru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.