Fana: At a Speed of Life!

Talalliin vaayrasii koroonaa baatiwwan 18 keessatti ni qophaa’a jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa talalliin vaayrasii koroonaa baatiwwan 18 keessatti qophaa’uuf hojjetamaa jiraachuu beeksiseera.

Daayreektarri olaanaa dhaabbaticha Dooktar Teediroos Adihaanoom akka ibsanitti, talaallii jalqabaa vaayrasii koroonaa baatiwwan 18 keessatti qopheessuun ni danda’ama jedhaniiru.

Daayreektarich yeroo ammaa meeshaalee jiranitti fayyadamuun hojjetamuu qaba jedhan.

Qorattoonni, dhaabbileen dhuunfaa fi biyyoonni qophii talaallichaarratti tattaaffii taasisaa jiru jedhaniiru.

Biriitaaniyaatti gareen qorannoo tokko qorannoo gaggeessaa jiraachuu ibsameera.

Vaayrasichaan haga ammaatti namoonni kumni 1 fi 114 du’u ragaan ni mul’isa.

Lakkoofsi namoota du’anii ariitiin dabalaa jira jedhameera.

namoonni kumni 45 ol vaayrasichaan qabamaniiru jedhame.

Maddi:- CTGN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.