Fana: At a Speed of Life!

Tamboon Birrii miiliyoona 1.2 olitti shallagamu to’atame

Finfinnee, Amajjii 19, 2015(FBC)-Godina Harargee Bahaatti tamboon seeraan ala daddabarfamaa ture Birrii miiliyoona 1.2’tti shallagamu to’atamuu poolisiin beeksise.

Tambichi konkolaataa fe’umsaa “ISUZU” jedhamuun magaalaa Dirree Dawaarraa fe’amee gara magaalaa Hararitti osoo geejjibsiifamuu buufata sakattoo Dhangaggoorratti poolisiin to’atamuu Hogganaan Kominikeeshiniifi Diiviizhinii Miidiyaa Inispeektarri Olaanaan Tolasaa Gooshuu Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.

Konkolaachisaan konkolaatichaa yeroof miliquufi hordoffiin irratti taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Tamboon ta’atame konkolaatichaa waliin magaalaa Harar buufata Gumruukaa Dakaaritti galii ta’uu ibsameera.

Tashoomaa Hayiluutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.