Fana: At a Speed of Life!

Tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf Koreen Dhiyeessii Bishaanii fi Saaniteeshinii hundaa’e

Finfinnee, Bitootessa 17,2012(FBC) – Tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf Koreen Dhiyeessii Bishaanii fi Saaniteeshinii hundaa’e.
 
Korichi hundaa’uu kan beeksise Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii FDRI, tamsa’ina vaayrasichaa ittisuurratti mari’atameera jedheera.
 
Dhaabbileen tumsaa, dhaabbileen miti mootummaa, dhaabbileen siiviilii, abbootiin qabeenyaa dhuunfaa, ogeeyyiin aartii fi miidiyaas damee ittiin hirmaataniin tumsa taasisan akka itti fufan gaafatameera.
 
Ministirri ministeerichaa Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan hojiilee iddoo tursa addaa Finfinneerratti hojjetamaa jiru ilaalchisuun hirmaattota marichaatif ibsa laataniiru.
 
Deeggarsi meeshaalee fi maallaqaa ittisa vaayrasii koroonaa eegalamuu ibsuun, tumsi taasifames amma booru Bitootessa 18,2012tti kan ifoomu ta’a jedhan.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.