Fana: At a Speed of Life!

Tapha deeggarsa walitti qabuurratti kan hirmaate Diimeetroov vaayrasii koroonaatin qabame

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2012 (FBC) – Deeggarsa tola oolmaa walitti qabuuf dorgommii teenisii dirreerratti kan hirmaate Diimeetroov vaayrasii koroonaatin qabame.
 
Taphataan teenisii dirree beekamaan Griigoor Diimeetroov deeggarsa tola oolmaa walitti qabuuf dorgommiirratti hirmaatet ture.
 
Dorgommicharratti ega hirmaaten booda garuu vaayrasiin koroonaa irratti argamuun mirkanaa’era.
 
Dorgommiin teenisii dirree qindeessummaa duursaa ispoortichaa kan ta’e Noovaak Jaakooviich deeggarsa tola oolmaa walitti qabuuf qophaa’e, taphataa teenisii dirree lammii Buulgaariyaa vaayrasichaaf saaxileera.
 
Noovaak Jaakooviich tapha of eeggannaa hin qabne qopheessuu isaatin qeeqamaa jira.
 
Dorgommiin kunis Griigoor Diimeetroov vaayrasichaan qabamuun ega mirkanaa’en booda haqameera.
 
Taphatichi Inistaagiraaman vaayrasichaan qabamuu beeksisee, rakkoo mudateef dehiifama gaafateera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.