Fana: At a Speed of Life!

Tapha gulaallii Waancaa Addunyaa umrii 20 gadiin Gareen Dubartootaa Ityoophiyaa har’a Ruwandaa waliin taphata

Finfinnee, Fulbaana 14,2014 (FBC)- Tapha Gulaallii Waancaa Addunyaa umrii 20 gadiin Gareen Dubartootaa Biyyaalessa Ityoophiyaa har’a dirreen ala Ruwandaa waliin taphata jedhameera.
Waancaa Addunyaa Dubartootaa umrii 20 gadii bara 2022 Koostaariikaan qopheessituuf darbuuf gareen dubartoota Ityoophiyaa umrii 20 gadii gulaallii marsaa 2ffaa har’a taphata.
Garichi jila namoota 28 qabatee Ruwandaa erga ga’ee booda shaakala guyyaa 2 hojjachuun dorgommichaaf qophii taasiseera.
Taphichi har’a Istaadiyeemii Kigaliitti sa’aatii 10:00 irraa eegaluun taphatama.
Taphni deebii ammoo Istaadiyeemii Bahardariitti Fulbaana 28 kan taphatamuu ta’uu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.