Fana: At a Speed of Life!

Tapha Priimiyar Liigii Ityoophiyaa torbee 16ffaan Maqalee 70 Indarataan Hadiyyaa Hoosaa’inaan 1-0 injifate

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2012 (FBC) – Taphoonni Priimiyar Liigii Ityoophiyaa torbee 16ffaan har’a gaggeeffameera.

Qabxii 25 sadarkaa 3ffarratti kan argamu Maqalee 70 Indarataan Hadiyyaa Hoosaa’inaan 1-0 injifateera.

Haaluma walfakkatuun  Jimma Abbaa Jifaar kan keessumeesse Bahiir Daar 1-0 injifachuun sadarkaa 5ffaa eegachuu danda’eera.

Dabalaataan Bunni Sidaamaa Walaayittaa Diichaa 5-3 injifachuun qabxii 27n sadarakaa 4ffaa isaa eegsifateera

Dirree Dawaan Hawaasaa 3-1injifatera.

Sabbataan Yuunvarsiitii Walwaaloo Addigiraat 2-2 qixa ba’aniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.