Fana: At a Speed of Life!

Tapha Waancaa Afrikaa Bahaa fi giddugaleessaaf taphattoota 23’f waamichi taasiifame

Finfinnee, Caamsaa 8, 2014 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Dubartootaa Biyyaalessaa Ityoophiyaa tapha seekaafaaf taphattoota 23’f waamicha taasiiseera.

Leenjisaa olaanaan garichaa Fireew Hayila Gabree’eel tapha Waancaa seekaafaa Ugaandaatti gaggeeffamuuf taphattoota 23’f waamicha taasiisaniiru.

Haaluma kanaan Taarikuuwaa Barganaa, Yemiwadish Yirgaashiwaa fi Beetaliheem Yohaannisa goolii eegdoota ta’uun waamamaniiru.

Beetalileem Baqqalaa, Bizuuyehuu Taaddasaa, Asaabee Moosoo, Qiddisti Zallaqaa, Naardoos Geetinnatii fi Birqee Amaaree sarara ittisaarratti, Nyiiboony Yaan, Imabeet Addisuu, Gannat Haayluu, Ma’aaddiin Saahiluu, Masaay Tamasgeen, Birtukaan Gabra Kiristoos sarara giddugaleessaarratti akkasumas sarara fulduuraatiin Radeet Asresahaany, Araggaash Kaalsaa, Loozaa Abarraa, Rahimaa Zargaaw, Seenaaf Waaqumaa, Ariyaat Odoong, Turiist Lammaa fi Nigist Baqqalaaf waamichi dhiyaateera.

Taphattoonni kunneen guyyaa boru Hootela Juppitariitti argamun gabaasa kan dhiyeessan ta’uu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.