Fana: At a Speed of Life!

Taphattoota Garee Kubbaa Miilaa biyyaalessa Ityoophiyaa 28f waamichi taasiifame

Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) – Tapha gulaallii Waancaa Afrikaa Maalaawwii fi Ijipti waliin taphatamuuf taphattoota Garee Kubbaa Miilaa Dhiiraa biyyaalessa Ityoophiyaa 28f waamichi taasiifameera.
Leenjisaa Wubatuu Abaatee, Waaliyaanoonni tapha Gulaallii Waancaa Afrikaa Caamsaa 25 fi 29 Maalawwii fi Ijipti waliin taphataniif taphattoota 28f waamicha taasiisaniiru jedhame.
Taphni Gulaallii kun Magaalaa Guddittii Maalaawwii Liiloongiwee Istaadiyeemii Biinguutti kan taphatamu ta’uu ragaan Federeeshinii kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Dawaa Hoxxeessaa Adaamaarraa, Masuud Mahaammad Jimmaa Abbaa Jifaar irraa taphattoota wamichi taasiifameef keessatti argamu.
Heenok Addunyaa Qidduus Giyoorgisirraa, Haabtaamuu Taaddasaa Haadiyyaa Hoosa’aanaarraa taphattoota haaraa garichatti dabalaman ta’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.