Fana: At a Speed of Life!

Taphni guutuu dargaggoota Oromiyaaa 26ffaan olaantummaa Magaalaa Shaashamanneen xumurame

Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Taphni guutuu dargaggoota Oromiyaa 26ffaan guyyoottan 10 darbaniif magaalaa Shaashamanneetti dorgomamaa ture Olaantummaa Magaalaa Shaashamanneen xumurameera.

Goosoota Ispoortii 15 godinaaleen 15, bulchiinsi magaalotaa13 fi giddugaloonni leenjii 3 irraa Ispoortessitoonni kuma 2 fi 600 ol hirmaataniiru.

Dorgommii Kubbaa miilaa waltajjiin kun ittiin golabameen Shaashamanne fi Buunnoo Beddeelleen xummuraaf ga’uun Shaashamanneen goolii 2 fi 0n injifachuun shaampiyoonaa ta’eera.

Qabxii waliigalaan Shaashamanneen Warqii 12 fi Meetii 10 Shaampiyoonaa  yoo ta’u, godinni Arsii warqi 12 fi Meetii 6n 2ffaa, Magaalaan Bishooftuu Warqii 11’n 3ffaa ta’uun xumuruu ragaan Kominikeeshinii magaalaa Shaashamanneerraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.