Fana: At a Speed of Life!

Taphni Liigii 1ffaa kilaboota Oromiyaa Magaalaa Roobeetti gaggeeffamaa ture olaantummaa Magaalaa Dodolaan xumurame

Finfinnee, Amajjii 13, 2015 (FBC) – Dorgommiin Kubbaa Miilaa Liigii 1ffaa kilaboota Oromiyaa Magaalaa Roobeetti gaggeeffamaa ture injifannoo kilaba Magaalaa Dodolaan xumurameera.

Dorgommii kilaboota Oromiyaa liigii 1ffaa guyyoota 20’f bulchiinsa magaalaa Roobeetti taphatamaa ture kanaarratti kilaboonni 12 hirmaataniiru.

Qabxii waliigalaatiin bulchiinsi magaalaa Dodolaa 1ffaa, Meeboon Roobee 2ffaa ,Kilabiin magaalaa Goobessaa 3ffaa bahuun badhaafamaniiru.

Sochii Ispoortii naannoo Oromiyaa cimsuuf xiyyeeffannaa guddaan hojjetamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Wàajjira Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaa Obbo Firoomsaa Fayyisaan ibsaniiru.

Getaachaw Mul’ataatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.