Fana: At a Speed of Life!

Taphni xummuraa Shaampiyoons Liigii Awurooppaa Turkitti gaggeeffamuuf ture gara Poorchugaaliitti jijjiirrame

Finfinnee, Caamsaa 5, 2013 (FBC) – Taphni xummuraa Shaampiyoons Liigii Awurooppaa Kilaboota Ingiliiz lamaan gidduutti Turkitti gaggeeffamuuf ture gara Poorchugaaliitti jijjiirramuu ibsameera.
Taphni xummuraa Shaampiyoons Liigii Awurooppaa bara 2020/2021 Cheelsii fi Maanchiister Siitii gidduutti Turkii Istaanbuul Istaadiyeemii Olompikii Attaaturkitti gaggeeffamuuf ture sababa weerara Vaayrasii koroonoon gara Poorchugaal Poortootti jijjiirramuu ibsameera.
Tapha xummuraa kanarratti deeggartoonni garee lamaanii kuma 12 ta’an Istaadiyeemii galuun ni hordofu jedhame.
Kilaboonni lamaan tapha xummuraa Caamsaa 21, 2013 ni gaggeessuu jedhamee eeggama.
Maddi:-BBC Sport
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.