Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Beetkiing Priimeyar Liigii Ityoophiyaa har’aa eegalee Magaalaa Dirree Dawaatti ni taphatama

Finfinnee, Bitootessa 29, 2013 (FBC) – Taphoonni Beetkiing Priimeyar Liigii Ityoophiyaa marsaa 4ffaan har’aa eegalee Magaalaa Dirree Dawaatti kan taphatamu ta’uu ibsameera.
Taphoonni Beetkiing Priimeyar Liigii Ityoophiyaa sababa tapha gulaallii waancaa Afrikaan add cite ture magaalaa Dirree Dawaatti kan itti fufu ta’uu eerameera.
Har’a sa’atii 10:00 eegalee Qidduus Giyoorgis Magaalaa Sabbataa waliin yoo falmatu, Bunni Ityoophiyaa Magaalaa Hawaasaa waliin galgala sa’aatii 1:00 jalqabee taphataniin morkii marsaa kanaa eegalu jedhame.
Taphoonni torbee 16ffaa biroos boruu eegaluun kan itti fufu yoo ta’uu, waaree booda sa’aatii 10:00 irraa eegalee Jimmaa Abbaa Jifaar magaalaa Dirree Dawaa waliin ni taphata jedhameera.
Liigicha Magaalaan Faasil qabxii 38 sadarkaa 1ffaa, Bunni Ityoophiyaa qabxii 30 sadarkaa 2ffaa qabatanii jiru.
Adaamaan qabxii 7 fi Jimmaa Abbaa Jifaar qabxii 10n walduraa duubaan sadarkaa dhumaarratti argamu.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.